Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoona mana Keessaa Addunyaa 19ffaa Itiyoophiyaan Afrikaarraa sadarkaa 1ffaan xumurte

Finfinnee, Guraandhala 25, 2016 (FBC) – Fiigicha Shaampiyoona mana Keessaa Addunyaa 19ffaa Iskootilaanda Gilaasgootti gaggeeffamaa ture Itiyoophiyaan Afrikaarraa sadarkaa 1ffaan xumurte.

Itiyoophiyaan meedaaliyaa Warqee 2, Meetii 1 fi Nahaasii 1, waliigala meedaaliyaa 4 argachuun Afrikaarraa 1ffaa, addunyaarraa 5ffaa ba’uun xumurteetti.

Dorgommii Guraandhala 22 -24, 2016tti gaggeeffamaa ture kanarratti Atileetoonni biyyoota 130 irraa walitti babba’an 650 hirmaataniiru.

Itiyoophiyaan Meetira 800, kuma 1 fi 500, kuma 3 dhiiroota fi dubartootaan waliigala Atileetoota 13n hirmaachifteerti.

Kanaanis meedaaliyaa 4 argachuun Afrikaarraa 1ffaa, addunyaarraa 5ffaa ba’uun xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.