Fana: At a Speed of Life!

Shaamiyoonaan Ispoortii Aadaa guutuu Oromiyaa magaalaa Ambootti eegalame

Finfinnee, Amajjii 18, 2016 (FBC) – Shaamiyoonaan Ispoortii Aadaa 29ffaa fi Feestivaalli Aadaa 16ffaan naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa magaalaa Ambootti eegalameera.

Ispoorteessitoonni Ispoortii Aadaa godinaalee Oromiyaa hundarraa walitti babba’an kumni 1 fi 800 ol dorgommii kanarratti kan hirmaatan ta’uu ibsameera.

Ispoortiin hariiroo hawaasummaa cimsuurra darbee madda galii ta’uun biyya guddisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu hogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobbooqaa sirna baniinsarratti argamuun haasawa taasiisaniin himaniiru.

Dorgommichi guyyoota 15’f kan turu ta’uu eerameera.

Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.