Fana: At a Speed of Life!

Seerri Fayyaa Idil Addunyaa balaa weerara tasaa fayyaa hawaasaaf deebii saffisaa kennuuf ni tumsa-Dooktar Maqdas Dhaabaa

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC)- Seerri to’annoo fayyaa idil addunyaa fooyya’ee raggaasifame, qophaa’ummaa fi deebii hatattamaa balaa weerara tasaa fayyaa hawaasaaf kennuuf kan tumsu ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa dubbatan.

Yaa’iin fayyaa idil addunyaa 77ffaan Siwiizarlaandi Jeneevaatti gaggeeffamaa ture seera fayyaa idil addunyaa bara 2005 ba’e fooyyessuun raggaasisuun xumurameera.

Seerichi balaawwan fayyaa hawaasaa tasaaf qophaa’ummaa fi deebii hatattamaa kennuuf ga’umsa fooyyessuuf akkasumas weerara idil addunyaa ittisuu fi to’achuuf kan giddugaleeffatee ta’uun ibsameera.

Balaan weerara fayyaa addunyaa wayita mudatutti dhiyeessii haqa qabeessii fi qabeenya walitti qabuun biyyoota guddachaa jiran deeggaruuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Fooyya’iinsi taasifame fudhatama argachuun ragga’uun galteewwan haqa qabeessummaan waliin ga’uu fi yaaddoowwan weerara fayyaa irratti biyyoonni waloon dhaabbachuun ittisuu akka danda’an kan taasisu ta’uun akeekameera.

Dooktar Maqdas Dhaabaan miseensota biyyoota Afrikaa bakka bu’uun haasawaa taasisaniin, seerri fayyaa Idil Addunyaa biyyoonni walta’iinsaan hojjechuu akka dada’an argisiistuudha jedhaniiru.

Seerichi to’annoo fi hordoffii balaa weerara fayyaa hawaasaa tasaaf, qophaa’ummaa fi deebii hatattamaa kennuuf kan tumsu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.