Fana: At a Speed of Life!

Seeraan ala namoota hidhuu fi reebuun kanneen himataman hanga hidhaa umrii guutuun akka adabaman itti murtaa’e

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2017 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti seeraan ala nama hidhuu, reebuu, maallaqa fudhachuu fi yakkoota garaagaraa raawwachuun kan himataman shakkamtoonni torba hanga hidhaa umrii guutuun akka adabaman Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa itti murteesse.

Himatamtoonni kunneen Naannoo Oromiyaa bakkoota garaagaraatti socho’uun “Nuti Qaamolee Nageenyaati” jechuun namoota dhuunfaa sodaachisuu, hidhuu, reebuu, maallaqa miiliyoonaan lakka’amuu fudhachuu, hojiilee malaammaltummaa raawwachaa turuun Abbaan Alangaa himataa baneen ibseera.

Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaas dhaddacha ooleen ragaa abbaa alangaa fi falmii bitaa fi mirgaa madaaluun himatamtoota galmee Sa’iid Amiinoo jalatti himataman murtee balleesummaa kennuun, hidhaa cimaa waggaa shanii hanga umrii guutuun akka adabaman itti murteesseera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.