Fana: At a Speed of Life!

Seensa Waldiyaa naannoo Bishaan Gurraachatti waraanni diinaa barbadaa’e jedhame

Finfinnee, Hagayya 7, 2013 (FBC) – Seensa Waldiyaa naannoo Bishaan Gurraachatti waraanni diinaa kutaa waraanaa 31ffaa Birgaadeer Jeneraal Kabbadaa Fiqaaduun durfamuun barbadaa’uu ibsameera.

Lola kanarratti waraanni diinaa 70 ta’an barbadaa’uu himameera.

Kilaash Koovii 19, Isnaayipariin 5 fi meeshaaleen waraanaa huddeen salphaa hanga guddaatti booji’amuu ibsameera.

Kutaan waraanaa kun waraanni garee shororkeessaa ABUT haleellaaa raawwachuuf wayita sochiirra ture barbadeessuu ibsameera.

Raayyaan Ittisaa ammas duula birmadummaa gootummaa olaanaan raawwachuuf yeroo kamiiyyuu caalaa ga’umsa amansiisarratti argamuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.