Fana: At a Speed of Life!

Seenessii olaanaa Itiyoophiyaanota tokkummeessu ijaaruuf Paartiin Badhaadhinaa ni hojjeta-Obbo Adam Faarah

Finfinnee, Sadaasa 3, 2016 (FBC)- Seenessii olaanaa Itiyoophiyaanota tokkummeessu ijaaruuf Paartiin Badhaadhinaa kan hojjetu ta’uu Pireezidaantii Ittaanaan Paartichaa Obbo Adam Faaraah dubbatan.

Obbo Adam Faaraah, Itiyoophiyaanonni gamtaan kabajaa fi birmadummaa biyya isaanii kabachiisanii turuu yaadachiisanii, ta’us adeemsa kana keessatti faayidaa biyyaa fi ummataa kan dursu sirna siyaasaa qaroomaan kan hinijaaramne ta’uu kaasan.

Kanaafis, dhimmoota biyyaa fi ummataa aadaa waloon hojjechuu cimsuu fi garaagarummaa jiru ammoo falmii yaadaa tasgabbaa’aa taasisuuf caayaa siyaasaa fooyyessuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Dhimmoonni siyaasaa akka idaatti ilaalaman keessaa seenessii qeenxee dhaadessa tokkummaa fi dhaadessa garaagarummaarratti xiyyeeffate fa’aa ta’uu himaniiru.

Itiyoophiyaa badhaatee fi hundaaf mijattuu ijaaruu fi tokkummaa sabdaneessummaa ummataa cimsuuf seenessii waloo biyyalessaa ijaaruun barbaachisaa ta’uun gara hojiitti seenamuu ibsan.

Paartiin Badhaadhinaas kaleessa sirnaan qorachuun dhimmoota waloo egeree biyyattii caalmaan guddisuuf hojjechaa jiraa jedhaniiru.

Haaluma kanaan obbolummaa ummatootaa cimsuun ijaarsa biyyaa saffisiisuun barbaachisaa ta’uutti kan amanuu fi milkaa’ina isaaf paartii tattaafatu ta’uu himaniiru.

Hojiirra oolmaan yaadamootaa, karoorawwanii, dhuudhaalee fi qajeelfamootaa, hoggansaa fi miseensota paartichaarraa eegaluu akka qabu kan itti amanamu ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti aadaa diimookiraasii gabbisuuf, seenessiin tokkummaa fi garaagarummaa babal’achuu fi adeemsi siyaasaa duubatti hafaan jiraachuun, adeemsa seenessii waloo ijaaruu akka qoru dubbataniiru.

Hoggansii fi miseensi paartichaa qormaatileef utuu hinjilbeenfanne galma biyyaalessaa barbaadamu bira qaqqabuuf qabsoo cimaa eegaluu fi badhaadhina biyyaalessaa fi seenessii waloo biyyaalessaa mirkaneessuuf fakkeenymmaa adda dureen akka hojjetan mirkaneessuu TOI gabaaseera.

Adeemsa kana keessatti raawwiin isaa yeroo yeroon qoratamaa, hanqinaaleen akka sirratan taasisuuf ijaarsi dandeetti kan gaggeeffamu ta’uu kaasaniiru.

Paartichi galmoota qabatee fi mul’ata biyyaalessaa milkeessuuf hunduu cichoomina kaayyoo, tokkummaa hojii fi ilaalchaa qabaachuun, hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Kun utuu kanaan jiruu adeemsa kana keessatti hoggansas ta’e miseensa dogoggora isaarraa hinbaranne, duudhaalee fi qajeelfamoota waloo paartichaa kan hinkabajne yoo jiraatan qorannoo barbaachisaa taasisuun tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.