Fana: At a Speed of Life!

Seenessi qeenxeen seenaa dhugaa biyya kanaa dhoksuun seenessi waloon akka dagatamu taheera-Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2016 (FBC)- Seenessi qeenxeen seenaa dhugaa biyya kanaa dhoksuun seenessi waloon akka dagatamu taheera jedhan Afyaa’iin Caffee oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan.
Agarsiisni imala waggoota 30 Mootummaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti banameera.
Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan haasawaa taasisaniin, seenessi qeenxeen seenaa dhugaa biyya kanaa dhoksuun seenessi waloon akka dagatamu taheera jedhan.
Biyyi gootummaan addunyaa irratti beekamtu sababa olola dhugaa irraa fagaatanii fi seenessa qeenxeetiin dhugaan ishee dhokatus hoggansa bilchina qabuun adeemsi kun jijjiiramaa jiraachuu dubbatan.
Itiyoophiyaan karoora imala badhaadhinaa milkeessuuf kutannoon hojjataa jiraachuu kan dubbatan Aadde Sa’aadaan, agarsiisni baname kunis, imala mootummaa naannichaa kan agarsiisuudha jedhan.
Naannoon Oromiyaa naannoo qabeenya dilbii qabdu waan taateef dhaloonni ishee tokkummaan waltumsanii imala ishee fuulduraa dhugoomsuu akka qaban dhamaniiru.
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa gama isaaniin, odeeffannoon dogoggoraa miidiyaalee hawaasaa irratti qoodaman burjaajjii uumaa jiraachuu kaasan.
Kana hambisuuf Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa odeeffannoon haqaafi dhugaa ta’e uummata bira akka qaaqqabuuf hojjachaa jira jedhaniiru.
Tooftaalee kominikeeshinii sirreessuufis agarsiisni imala Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan baname yoo tahu, agarsiisni kunis guyyoota sadiif akka turu Obbo Hayiluu Addunyaan dubbataniiru.
Raahmaa Ahmaditu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.