Fana: At a Speed of Life!

Seenessa qeenxee cinaatti dhiisuun seenessa waloo cichoomsuuf hojjechuun murteessadha – Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC) – Seenessa qeenxee cinaatti dhiisuun seenessa waloo cichoomsuuf hojjechuun murteessaa ta’uu Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad ibsan.

Mariin ummataa mata duree ‘obbolummaa sabdaneessaa nageenyaa waaraa fi badhaadhina hunda galeessaaf’ jedhuun magaalaa Boongaatti gaggeeffameera.

Kutaaleen hawaasaa maricharratti hirmaatan rakkoolee bulchiinsa gaarii, Nageenyaa,misoomaa fi dhimmoota biroorratti gaaffii kaasaniiru.

Mootummaan gaaffii ummanni kaasuuf sadarkaa sadarkaan deebii laachuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu maricharratti kan argaman Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad ibsaniiru.

Seenessa qeenxee gargar nubaasaan cinaatti dhiisuun seenessa waloo cichoomsuuf hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Mootummaan nageenya waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.