Fana: At a Speed of Life!

Seeneetiin Ameerikaa qorannoon pirezidaantii duraanii Tiraampiin aangoo irraa fonqolchuu seera qabeessaa jechuun akka jalqabuuf eeyyama guutuu kenne

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC) – Seeneetiin Ameerikaa qorannoon pirezidaantii duraanii Tiraampiin aangoo irraa fonqolchuu seera qabeessaa jechuun akka jalqabuuf eeyyama guutuu kenne.
Gareen seeraa Tiraampi ammoo Waayit Haawusii waan baheef qoratamuu hin qabu jechuun falmu.
Haa tahu malee, seeneetiin US sagalee 56-44 tahuun akka qorannichi itti fufu kan filatan yoo tahu, namootni baay’een paartii Rippaabilikaanotaa keessaa akka qoratamuuf sagalee kennaniiru.
Tiraampi yeroo Kaappitol Hiil weerarame ”hookkara kakaasuun” himatame.
Deeggartootni Tiraampi kumaatamni himannaa sobaa filannichi burjaaja’eera, ani hin mo’amne jechuun kaasan deeggaruun waliitti qabamanii ture.
Dimokiraatotni kaleessa Kibxata 9 bara 2021 himannicha yeroo jalqaban, viidiyoo Tiraamp gaafa Amajji 6 bara 2021 dubbachuun deeggartootni isaa hookkara kaasan dhiyeessuun eegalan.
“Sun yakka guddaa fi balleessaadha,” jedhan bakka bu’aa Meeriilaandi Jaamii Raaskiin viidiyicha irratti. “Kun balleessaa aangorraa hin buqqaasifne taanaan, wanti akkasiyyuu tasumaa hinjuru jechaadha,.”
“Kun fuulduree Ameerikaa tahuu hin danda’u,” jechuun senaaterootati hime.
”Pirezidaantota mootummaa fi dhaabbilee keenya irratti hookkara kakaasan qabaachuu hin barbaannu. Sababni isaas heera Ameerikaa jalatti fedha uummataa fudhachuu waan didaniif.”
Fonqolcha qondaalota aangoo gadhiisan irratti gaggeessuun kan ”Amajjii irratti qofa” kan hundaa’e tahuu hin qabu miidhaa dhufuu malu hanbisuuf jechuun falmaniiru.
Gareen seeraa Tiraampi duraa duubaan adeemsa seeraa kan eeggate miti jechuun falman.
Abbaan alangaa duraanii Peniselvaaniyaa Biruus Kaaster, kan amma garee abukaatoo Tiraamp keessa jiranii; falmiin isaan dhiyeessan kanneen Tiraamp deeggaran irraa otoo hin hafin mormiin isaan mudateera.
Abukaatoon Tiraamp biraa Deevid Socheheen ammoo, viidiyoo bara 2017 agarsiisuun, seera baastotni Dimokiraatotaa fonqolchaaf ”fedhii hin quufamne” akkamii akka qaban ibsan.
Waanti isaan maqaa heera mootummaan asitti milkeessuu barbaadan Tiraampi irra deebiin aangoo siyaasaaf akka hin dorgomne gochuudha. Haa tahu malee isaan eenyu irrattiyyuu yoo xiyyeeffatan faallaa heerichaati.”
Miidiyaaleen Ameerikaa hedduun akka gabaasanitti Tiraampi haala itti abbootiin seeraa isaanii falman ilaaluun itti aaraniiru.
Maddi:- BBC
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.