Fana: At a Speed of Life!

Seenaa keessatti imalli Hajjii Guddaan Saa’ud Arabiyaatti eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2015 (FBC) – Seenaa keessatti imalli Hajjii Guddaan namoota miiliyoona 2.5 caalu hirmaachise Saa’ud Arabiyaatti eegalameera.

Imalli guyyaa kaleessa eegalame kun sirna Imala Hajjii waggaa waggaan raawwatamu lakkoofsa olaanaa keessummeesse ta’uun seenaan galmaa’uu Ministeerri Hajjii fi Umraahi Saa’ud Arabiyaa beeksiiseera.

Baroota darban sababa weerara Covid -19 imalicharra dhorkaan kaa’amuun kan yaadatamuudha.

Sababa kanaan bara Faranjootaa 2020 namoonni kumni 10 qofti sirnicharratti akka hirmaatan eeyyamamee ture.

Bara 2021 ammoo namoonni kumni 59 qofti Imala Hajjiin Saa’ud Arabiyaa Magaalaa Makkaa akka seenaan kan eeyyamame yoo ta’uu, bara darbe namoonni miiliyoonni 1 imalicharratti hirmaataniiru.

Dilbata kaleessaa imaltoonni (Hujaajonni) bakka sirni kadhannaa itti gaggeeffamu gara Masjiida Guddaa Makkaa irraa kiiloo meetira 8 fagaatee argamtutti imala isaanii eegaluu Al Jaziiraan gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.