Seenaa gabaaba Jaal Galaasaa Dilboo
Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Dacheen Oromiyaa Dhihaa nama jabaa tokko biqilchite,Umrii isaa guutuu dhimma qabsoo Oromoof kan gumaache gootichi tokkummaa dheebotu Jaal Galaasaa Dilboo.
Jaal Galaasaa Dilboo Sababa Qabsootti cicheef jireenya mataasaa dhiisee Oromoof jiraate fuudhee warroomuufi dhalchee soddoomuu osoo fedhuu fedhii dhuunfaasaa Ukkaamsee Oromootaaf Jiraate.
Galaasaan ilma jilbaa dhabus,qeerroo fi qarree Oromoo miiliyoonotaan lakkaa’aman horatee jira.
Jaal Galaasaa Dilboo qabsaa’aa buleeyyii Oromoo Hoggansa qabsoo ummatichaa keessatti gahee olaanaa qaban keessaa tokko.
Galaasaa Dilboo kan dhalatee Godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamteetti.
Barnoota isaa sadarkaa tokkooffaa fi sadarkaa lammaffaas achuma magaalaa Naqamteetti barate.
Qabsaa’aa Gameessi kun Akkoo isaa Aadde Eebbisee Raabaa Gadaa Jalatti seenaa Oromoo fi Oromummaa hedduu barachaa guddate.
Bara 1974’tti ammoo Yuunvarsitii Finfinnee seenuun Barnoota bara jalqabaa osoo hin xumuriin, dargiin aangootti waan dhufeef, Haalli siyaasaa biyya keessaa hamaa waan tureef,Galaasaa Dilboo fi jaalleewwan qabsoo Oromoo finiinsan,bara 1980tti dirqamaaf gara Somaaliyaatti qajeelan.Achittis shiftoota Somaaliyaatin namoonni hedduun bakka tokkotti wareegaman.Garuu Galaasaan Lubbuun hafee jiraatee waa hedduu Oromoof buuseera.
Gaafas namoota jajjaboo dhaaba Adda Biliisummaa Oromoo 13’tu guyyaa tokkotti wareegame. Isaan keessaayis Magarsaa Barii, Yiggazuu Bantii, Abboomaa Mitikkuu, Gadaa Gammadaa, Muhee Abdoo, Caccabsaa, fi irra aanaa Qaxaleefaan keessatti argamu.
Kanneen Lubbuun hafan ,Boodarra Mootummaan Somaaliyaa gara biyyaatti waan isaan deebiseef, biyyatti deebi’uudhaan gara dirree qabsoo hidhannootti fulla’an. Saniin booda jireenyi Jaal Galaasaa Dilboofi jaalleewwan biroo ABO waliin itti fufee.
Galaasaa Dilboo Obbolaa lama qaba, Sababuma qabsootiif,hin fuune; maatiis hin godhatiin hafe. Abbaa fi haati isaa, akkasumas adadaan isaa Wayita Jaal Galaasaan Dirree qabsoo Hidhannootti bobba’ee jirutti du’uu isaanii dirreedhuma qabsootti dhagahe.
Qabsoo Hidhannoo Boodas, Mootummaan ce’umsaa Ityoophiyaa keessatti bara 1983 hundaa’ee ture,Yeroo sanatti Jaal Galaasaa Dilboo Hayyu duree ABO ta’uun tajaajilaa turan,Haa ta’u malee Mootummaa Ce’umsaaf Chaarterri qophaa’e Kaayyoo ABO waliin wal simuu dhabuudhaan Mootummaa Ityoophiyaa waliin wal dhabdee uumameen Ammas Gara Biyya hambaatti Imalli ABO itti fufuu Jaal Galaasaan haasaa BBC Afaan Oromoo waliin tibba tokko taasisaniin dubbataniiru.
Yeroo chaartaraa bara 1983 sana konfaransii jalqaba taasifamee ture sanarratti akkuma hirmaateen, guyyaa lama booda dhukkubsatee yaalaaf gara Awurooppaa deemuus himeera Jaal Galaasaan.
Yaala argachuun bara 1984 gara biyyaatti deebi’e. Sana boodas haalli ture babbadee waan tureef yeroo lammaffaadhaaf ABO’n gara qabsoo hidhannootti deebii’uun dirqama ture. Innis qabsootti makamee sochii itti fufe.
Gameessi siyaasaa kun Adda Bilisummaa Oromoo bakka hedduutti caccabe kana suphanii sirreessuun ulfaataa akka hin taanee fi kanaaf ammoo tooftaa fi tarsimoo fooyya’aa qabaachuu akka feesisu cichee abdiidhaan dubbachaa ture.
Obbo Galaasaan waggoota dheeraaf ABO Hayyu durummaan tajaajiluun alatti gulantaalee adda addaa irrattis tajaajilaa tureera.
Galaasaa Dilboo qabsaa’ota buleeyyii Oromoo Hoggansa qabsoo ummatichaa keessatti gahee olaanaa qaban keessaa tokko.
Jaarmiyootni siyaasaa, dhaabichaan olitti, wareegama uummanni Oromoo kanfale, hayyoota kaayyoo kanaaf wareegaman, qotee bulaa lubbusaa dabarsanee kennaa ture, ilaaluun Siyaasni Oromoo waaraan furmaata akka argatuuf hojjechuun warra siyaasa hogganurraa eegama.
Waggaa sadii dura Ityoophiyaa keessatti jijjiirama siyaasaa dhufe hordofee waamicha humnoota siyaasaa biyya alaa turaniif taasifameen dhaabbilee fi hoggantoota siyaasaa biyyatti deebi’an keessaa Obbo Galaasaa Dilboo isaan tokko.
Biyyatti galuudhaanis Ijaarsa Biyyaa fi Tokkummaa Oromoo irratti hojiiwwan garaagaraa hojjechaa turaniiru.
Jaal Galaasaan bara jireenya isaanii qabsoo gammoojjii Somaalee keessatti taasiifamaa ture keessatti dararaa fi gidiraa hedduu dabarsaniiru.Jijjiirrama dhufe hordofee waamicha taasiifame fudhachuun waggaa sadi dura gara biyyaa deebi’uun isaanii kan yaadatamuudha.
Dura taa’aa ABO Qaama Ce’umsaa kan turanii fi Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa Waxabajjii 14, 2014 gaggeeffameen godina Harargee Bahaa aanaalee Malkaa Bal’oo, Gola Odaa fi Qumbiitti dhuunfan dorgomuun miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan ta’an nama jabaa turan.
Jaal Galaasaan mana marichaatti itti aanaa walitti qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Indaastirii fi Albuudaas turan.
Jaal Galaasaa Dilboo,dhibee tasaatiin eda galgala du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Sirni awwaalchaa isaaniis Sanbata dhufu, Bitootessa 24, 2014 Mana Amantaa Kiristiyaanaa Kaateediraalii Qulquulluu Sillaaseetti kan raawwatu ta’uu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa ibseera.
FBC’nis Firaa fi Hiriyyoota Akkasumas Uummata Oromoo maraaf jajjabina Hawwa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.