Fana: At a Speed of Life!

Seenaa fi hambaa gatame kunuunsuun madda Tuurizimii taasiifna malee hin diignu – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2013 (FBC) – Seenaa fi hambaa gatame kunuunsuun madda Tuurizimii taasiifna malee hin diignu jedhaan Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.

Aadde Adaanach Sirna eebba Proojektii Addabaabayii Masqalaarratti haasawa taasiisaniin Magaalaa Finfinnee akka maqaa ishee miidhagsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Addabaabayiin Masqalaa Ityoophiyaa keessatti Addabaabayii seenaa guddaa qabu ta’uu eeraniiru.

Qaamolee ijaarsa proojektichaa keessaatti qooda olaanaa qabanii fi ummata Ityoophiyaa maraan baga gammaddan jedhaniiru.

Proojektiin kun haala addaan ijaarramee akka xummuramuuf ga’een Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad olaanaa kan ture ta’uu himaniiru.

Itti aanaan kaantiibaa Magaalaa Finfinnee duranii Injinar Taakkalaa Uumaa dhiibbaa ture hunda dandamachuun proojekticha eegalchuu isaaniif galateeffataniiru.

Magaalaa Finfinneetti hanga ammaatti Proojektoonni kumni 2 fi 500 eebbifamuu eeraniiru.

Aadde Adaanich hawaasa tamsaasa kallattiin taasiisaniin proojektoonni kunneen akka milkaa’aan qaamoole qooda qaban hunda galateeffataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.