Fana: At a Speed of Life!

Seektara tuuriizimii milkeessuuf mootummaan naannoo Oromiyaa deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa jedhan preezdaant Shimallis Abdiisaan

Finfinnee Muddee 2, 2013 (FBC)- Seektara tuuriizimii milkeessuuf mootummaan naannoo Oromiyaa deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa jedhan preezdaant Shimallis Abdiisaan.
Prezdaant Shimallis Abdiisaa fi itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaan sochii hojii Koomiishinii Tuuriizimii Oromiyaa har’a waajjira koomiishinichaatti argamuun daawwataniiru.
Obbo Shimallis sochii koomiishinichi taasisaa jiru jalqabbii dansaa akka ta’e ibsanii, diinagdee biyyaa guddisuu keessatti shoorri tuuriizimiin qabu olaanaa waan ta’eef, hojiiwwan gurguddoo hojjechuu akka danda’u abdii akka qaban dubbataniiru.
Xiyyeeffannoo mootummaan carraawwan hojii uumuuf kennee socho’aa jiru milkeessuuf tuuriizimiin shoora guddaa akka taphatuuf koomiishinichi kallattii kanaan hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Galma ga’iinsa kaayyoo seektarichaafis mootummaan naannichaa deeggarsa barbaachisu hunda akka taasisu ibsaniiru.
Obbo Addisuun gama isaanitiin Koomiishiniin Tuuriizimii Oromiyaa hawwata tuuriizimii Oromiyaan qabdu addunyaatti beeksiisuu fi misoomsuu kaayyoo godhachuun mana hojii dhiyeenya kana hundaa’e yoo ta’u, yeroo gabaabaa keessatti of gurmeessuun kaka’umsa ol’aanadhaan hojiiwwan abdii namatti horan hojjechuu eegaluu isaanitiin akka gammadanis dubbataniiru.
Koomiishinarri Koomiishinii Tuuriizimii Oromiyaa aadde Lalisee Dhugaan gama isaanitiin koomiishinichi kallattii mootummaan kaa’en akka socho’uu fi qabeenyawwan tuuriizimii Oromiyaan qabdu misoomsuun hawaasa naannichaa qabeenyawwan jiranirraa fayyadamaa gochuuf ciminaan akka hojjetu himuu BDhKMNO irraa odeeffanneerra.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.