Fana: At a Speed of Life!

Seektarri Geejjibaa fi Loojistiksii tajaajila gituu fi saffisaa ta’e kennuu qaba-Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Sadaasa 4, 2017 (FBC)- Seektarri Geejjibaa fi Loojistiksii tajaajila gituu fi saffisaa ta’e kennuu qaba jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.

Ministeerichi gamaaggama raawwii kurmaana1ffaa bara 2017 Magaalaa Hararitti gaggeessaa jira.

Waltajjicharratti Dooktar Alamuu Simeen haasawaa taasisaniin, damichi hiddaa dhiigaa dinaagdee biyyatti ta’u kaasuun, biyyittiin guddina ariifachisaa keessatti akka argamtu yaadachiisan.

Seektara Geejjibaa fi Loojistiksiin tajaajila gituu fi saffisaa ta’e kennuun akka barbaachisus dubbataniiru.

Naannoo Harariitti Seekatara Geejjibaa fi Loojistiksiif xiyyeeffannoo olaanaa kennameen ijaarsa daandiif baajanni Birrii biliyoona 1 ramadamee hojjatamaa jiraachuu Pireezidantiin Naannichaa Obbo Ordiin Baadiriin himaniiru.

Gamaaggamichaan ciminaa fi hanqinaa damichaa adda baasuun kallatti furmaataa ni ka’aan kan eegamuudha.

Misruu Tuuriitu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.