Fana: At a Speed of Life!

Sayidoo Maaneen taphataa cimaa Afrikaa waggaa kanaa ta’e

Finfinnee, Muddee 29, 2012 (FBC) – Lammiin Seeneegaalii fi taphataan sarara fuulduraa Liivarpool Sayidoo Maaneen taphataa cimaa  Afrikaa bara kanaa ta’e.

Sayidoo Maaneen Mahaammad Saalaahi fi Riiyaad Maahireez caaluun taphata cimaa bara Faranjootaa 2018/2019 Afrikaa ta’uun filatamuu isaa himameera.

Maaneen bara dorgommii 2018/2019 keessa taphoota hunda irratti goolii 30 lakkoofsisuun Liivarpoolii abbaa waancaa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa akka ta’u shoora olaanaa bahee jira.

Bara kanas priimeyar liigii Ingiliz irratti goolii 15 galchuun liivarpool liigicha garaagarummaa qabxii 13 akka dursuuf qooda olaana taphateera.

Sirna badhaasaa kana irratti dubbii taasiiseen Maaneen ‘moo’achuu kootti daraan gammadeen jira, kubbaan miilaa hojii kooti, hojii koo ammoo baayy’ee jaaladha’ jedheera.

Sirnichi Gibtsi magaalaa Huraagihaadaatti kan gaggeeffame yoo ta’u, Mahaammad Saalaahi fi Riiyaad Maahireez sirnicha irratti hin argamne jdhameera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.