Fana: At a Speed of Life!

Sarbama mirga namoomaa ABUT lammiilee nagaarratti raawwate hawaasaa addunyaaf beeksiisuf hojjetamaa jira – Talaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Finfinnee, Muddee 2, 2014 (FCB ) – Sarbama mirga namoomaa gareen shororkeessaa ABUT lammiilee nagaarratti raawwate dhaabbilee mirga namoomaa idil addunyaaf beeksiisuf hojjetamaa jiraachuu Talaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beesksise.
Ministir Deetaan Talaajila Kominikeeshinii Mootummaa Saalamaawiit Kaasan haala yeroo ilaalchisuun ibsa laataniiru.
Dhaabbileen filmatoota Mirga namoomaa idil addunyaa sarbama mirga namoomaa gareen shororkeessaa ABUT lammiilee nagaarratti raawwate qaaman argamuun akka daawwatan mootummaan waamicha dhiyeessuu kaasaniiru.
Mootummaan iddoolee gareen shororkeessaa weeraree turetti miidhaa namoomaa fi qabeenyaa qaqqabe hawaasa addunyaaf beeksiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Garichi yakkoota suukkaneessaa argaaf dhageettiif hin tolle naannoo Amaaraa fi Afaaritti lammiilee nagaarratti raawwachuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa iddoolee garicha jalaa bilisoomaanitti hojiin harcaatoota qulqulleessuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qaamolee yakkoota kana raawwatan seeratti dhiyeessuuf qorannoo guutuu gaggeessuuf koreen hundaa’ee sochii eegaluu kaasaniiru.
Lammiilee miidhaman deebisanii dhaabuufis koreen hundaa’e kun kan hojjetu ta’uu kaasaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.