Fana: At a Speed of Life!

Sarara daddabarsa Elektirikaa Ityoo- Keeniyaarraa gurgurtaan elektirikaa  eegale

Finfinne, Sadaasa 8,(FBC)- Sarara daddabarsa Elektirikaa Ityoo- Keeniyaarraa gurgurtaan elektirikaa guyyaa har’aa ifatti  eegaluu ibsame.

Gurgurtaa elektirikaa kanarraa waggaatti  galiin Doolaarri miiliyoonni 100 ni argama jedhameera.

Kana malees biyyoota Taanzaniyaa fi Afrikaa Kibbaaf hanga meeggaa waattii 2000 dabarsuuf yaaliin jiraachuu eerameera.

Ityoophiyaan kanaan dura Sudanii fi Jibuutiitti gurgurtaa elektirikaa kan eegalte yoo ta’uu  , Soomaalilaand, Taanzaaniyaa, Sudaan Kibbaa fi biyyoota biro waliin immoo waligaltee mallatteessiteerti.

Gurgurtaa elektirikaa bara darbe Sudaaniifi Jibuutiif dhiyaaterraa galii  Doolaarri miiliyoonni 95.4 argamuu dhaabbatichi ibsa Faanaabroodkaasting Korporeetiif ergeen ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.