Sanyiin qamadii filatamaan lafa hektaara kuma 20 irratti baay’ifamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Adoolessa 27, 2014 (FBC) – Bona dhufu Naannoon Oromiyaatti lafa heektaara miliyoona 1 ol irratti qamadii oomishuuf galma qabame milkeessuuf lafa heektaara kuma 20 irratti sanyiin qamadii filatamaan baay’ifamaa jiraachuu Intarpiraayiziin sanyii Filatamaa Oromiyaa beeksise.
Hoji Geggeessaan Intarpiraayizichaa Dooktar Ashinee Boggaalaa, intarpiraayizichi Naannoolee Oromiyaa, Afaar, Somaalee akkasuma bakkeewwan birootti hojiiwwaan misooma qamadiif sanyii filatamaa dhiheessa jiraachuu himaniiru.
Misooma jallisiin bona dhufu qamadii oomishuuf kan oolu sanyiin filatamaa qamadii lafa heektaara kuma 20 ol irratti baay’ifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni sanyii filatamaa baay’isuurratti bobba’an kunuunsa taasisuun kaayyoo barbaadameef akka oolu hojjechuu qabu jedhaniiru.
Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaatti Hoji Gaggeessaan Damee Baalee Obbo Caalaa Abbabaa, sanyiin qamadii filatamoo jallisii bonaaf mijatoon gosti 10 baay’ifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Baaleettis sanyiin filatamaa qamadii kuntaalli kuma 40 ta’u mankuusaatti kuufamuu himaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.