Sanyiin gaariin har’a facaafnu, bori firii gaarii akka kennu amanuun daa’immannirratti hojjechaa jirra – Aadde Adaanach Abeebee
Finfinnee, Caamsaa 5, 2016 (FBC) –Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen hooggantoota Afrikaa biyyoota garagaraarraa muuxannoo qodachuuf dhufan oolmaawwan daa’immanii fi tajaajiloota wal qabatan daawwachiisaniiru.
Sanyiin gaariin har’a baay’isnee facaafnu, bori firii gaarii hedduu akka nuuf kennu amanuun magaalaa keenyatti oolmaa daa’immannii 597 naannawaa mana jireenyaatti akkasumas dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa keessatti ijaaruun tajaajilaaf geessifneerra jedhan.
Finfinneen daa’imman guddisuu fi magaalaa filatamtuu Afrikaa taasisuuf hojiin hojjette beekkamtii argatee kanneen biroof muuxannoo kan qoodu ta’uu isaatiin gammachuun nutti dhagahama jedhan.
Hojii kana kan qindeessitanii fi kan nuwaliin hojjattan hunda maqaa koo fi maqaa bulchiinsa magaalichaan isin galateeffachuun barbaada.
Kun jalqabadha, turtiiwwan daa’immanii 1000, iddoo taphoota daa’immanii kuma 12 geessisuuf haa jabaannu jechuun ergaa dhaamaniiru.