Fana: At a Speed of Life!

Sanyii Bunaa hektaararraa kuntaalaa 25 argamsiisuu baay’isuun babal’isuuf ni hojjetama-Giddugalicha

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC)- Sanyii Bunaa hektaara tokkorraa kuntaala 25 argamsiisuu fi waggoota sadiitti qaqqabu baay’isuun qonnaan bultootaaf dhiyeesuuf kan hojjetu ta’uu Giddugalli Qorannoo Qonnaa Jimmaa beeksise.

Yaaliin misooma sanyii Bunaa giddugalichi gaggeessaa jiruu daawwatameera.

Sanyiin bunachaa mala teeknooloojiin laabraatoorii keessatti kan qophaa’ee yoo ta’uu waggaa 3tti omisha kanna.

Daayreektarri Gidduugala Qorannoo Qonnaa Jimmaa Dooktar Girmaa Hayilamikaa’eel, hojii sanyii bunaa teeknoolojiin diqaalomsuu waggoota 20’n dura eegaluu yaadachiisaniiru.

Sanyiin bunaa daawwatames bu’aa qorannoo giddugalichaan ta’uu kaasanii kunis bu’aa oomisha bunaa irraa argamu sadarkaa olaanaan kan guddisu ta’uu himaniiru.

Sanyichas, dhaabata Horaayizan Pilaanteenshiin jedhamu waliin ta’uun yeroo jalqabaaf lafa heektaara 6 irratti misoomuu dubbataniiru.

Fuuldurattis, dhaabbiee Buna irratti hojjatan waliin ta’uun sanyicha baay’isuun qonnaan bultoota biraan gahuuf ni hojjatama jedhaniiru.

Muktaar Xahaa fi Amiinaa Abdallaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.