Fana: At a Speed of Life!

Sanadni raawwachiisa tarsiimoo ittisaa yakka qindaa’aa biyyaalessaa qophaa’e

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC)- Sanadni raawwachiisa tarsiimoo ittisaa yakka qindaa’aa biyyaalessaa qophaa’uu Ministeerri Haqaa beeksise.

Sanadicharratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin Magaalaa Finfinneetti mari’atameera.

Sanadni raawwachiisa tarsiimoon ittisaa yakka qindaa’aa biyyaalessaa nageenyaa fi faayidaa ummataarratti yakkoota raawwataman ittisuu fi hir’isuuf, mirga namoomaa fi diimookiraasii lammiilee eegsisuuf Mana Maree Ministirootaan bara 2012 raggaasifamuun kan yaadatamuudha.

Tarsiimichis yakkoota shororkeessummaa, saamichaa fi ajjeechaa maallaqaan walqabatanii, bu’uuraalee misoomaa fi dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatan ittisuuf kan tumsuudha jedhameera.

Dabalataan, yakkoota malaammaltummaa, seeraan ala daddabarsa namootaa, seeraa tiraafika daandii cabsuu fi nageenya lammiileerratti raawwatan qindoominaan ittisuuf kan dandeessisuudha jedhameera.

Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Alamantee Aggidawu, yakki, bu’uura jireenyaa jeequun egeree biyyaa qormaata keessa kan galchu gufuu hawaasummaati jedhan.

Yakka guutummaan balleessuun kan hindanda’amne ta’us dursanii ittisuun miidhaa qaqqabuu malu hir’isuun akka danda’amu ibsuu TOI gabaaseera.

Tarsiimichi sababoota garaagaraan hojiirra utuu hinooliin turuu eeranii, yeroo ammaa hawaasa hirmaachisuun hojiirra oolchuuf sanadni raawwii qophaa’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.