Fana: At a Speed of Life!

Samuudaa 7294f qorannaan hojjetamee, namoota 452 irratti vaayrasiin koroonaa argameera

Finfinnee, Adoolessa 16, 2012 (FBC) –Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin, samuudaa namoota 7294f qorannaan hojjetamee namoota 452 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.
 
Lubbuun namoota 8 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni vaayrasichaan lubbuun isaanii darbe 188 qaqqabeera.
 
Namoota vaayrasichaan qabaman keessaa 301 Finfinneerraa, 34 Gaambeellaarraa, 19 Oromiyaarraa, 32 Tigraayirraa, Kibbarraa 17, Harariirraa 2, Sidaamaarraa 5, Amaaraarraa 9, Somaaleerraa 12, Afaarirraa 21.
 
Waliigalaan amma ammaatti qorannaan laabraatoorii 350,160 kan hojjetame yoo ta’u, lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 11,524 qaqqabeera.
 
Yeroo ammaatti namoonni 38 wallaansa yaala addaa keessatti argamu.
 
Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 58 kan dandamatan yoo ta’u, waliigalaan lakkoofsi namoota dandamatanii ammoo 5506 qaqqabeera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.