Fana: At a Speed of Life!

Samariitaa Sawaasaw jila Fiinlaandi waliin dhimmoota hariiroo waloorratti mari’atan

Finfinnee, Mudde 3, 2015 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Maallqqaa Samariitaa Sawaasaw jila Fiinlaandi Ityoophiyaatti daawwannaa taasiisaa jiru waliin dhimmoota hariiroo waloorratti mari’ataniiru.

Haala tumsa diinagdee biyyoota lamaan gidduu jiru caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru jedhame.

Ityoophiyaa fi Fiinlaandi hariiroo gaarii qabaachuu Aadde Samariitaan ibsaniiru.

Mootummaan Fiinlaandi deeggarsa karaa Baankii addunyaa fi Baankii Misoomaa Afrikaan taasiisu cimsee akka itti fufu Aadde Samariitaan marii jila Itti aanaa Ministira Dhimma Alaa Fiinlaandi Paasii Hiilmaan durfamu waliin taasiisanirratti gaafataniiru.

Tumsi dameewwan Qonnaa, Barnootaa, Fayyaa fi Bishaan dhugaatiin qabanis cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Fiinlaandi deeggarsa dameewwan tajaajilaan taasiiftu kan itti fuftu ta’uu amantaa qabaachuu eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa Fiinlaandi hojiilee Qonnaa, Humnaa fi daameewwan Invastimantiirratti yoo hojjetan bu’aa qabeessa ta’uu akka danda’an ibsaniiru.

Fiinlaandi deeggarsa namoomaa fi misoomaa Ityoophiyaatti taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Paasii Hiilmaan eeraniiru.

Biyyattiin hariiroo daldalaa fi Invastimantii Ityoophiyaa waliin qabdu caalmaatti guddisuuf fedhii qabaachuu himuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.