Fana: At a Speed of Life!

Samaaratti Hospitaala baasii Birrii biiliyoona 1‘n ijaaruuf dhagaan bu’uura kaa’ame

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)-Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaan Magaalaa Samaaratti Hospitaala sadarkaa isaa eeggate baasii Birrii biiliyoona 1‘n ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Obbo Awwal saganticharratti hasaawa taasisaniin, hospitaalli ijaaramu kun Magaalaa Samaaraa kan madaaluu fi ibsuudha jedhan.

Dabalataan jiraattota magaalichaa bira darbee qaamolee daandii magaalichaa keessa qaxxaamuru fayyadaman hundaa kan tajaajilu ta’uu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

Hoggannaan Biiroo Fayyaa naannichaa Obbo Yaasiin Habiib gamasaaniin, jiraattoonni Samaaraa fi naannawaa ishee waggoottaniif wal’aansa olaanaaf gara naannoo biraatti imalaa akka turan yaadachiisan.

Ijaarsi hospitallichaas marsaa 3’n kan xumuramu ta’uu ibsuun, marsaan 1ffaan waggoota lama keessatti xumuramuun tajaajila kan kennu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.