Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Xumuraa Gadda Biyyaalessaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC)-Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaa Aanaa Gazzee Goofaa Ganda Keenchaa Shaachaa Goozdiitti balaa sigiga lafaan lammiilee lubbuun isaanii darbeef sagantaan xumura guyyaa gadda biyyaalessaa labsamee gaggeeffamaa jira.

Sababa balichaan lubbuun lammiilee darbuu hordofee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa guyyoota sadiif guyyaa gaddalabsuun ni yaadatama.

Sagantaa xumura Guyyaa Gadda Biyyaalessaa gagggeeffamaa jirurratti lammiilee lubbuun isaanii darbeef dungoo qabsiisuun sirni yaadannoo taasifameera.

Saganticharrattis Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Xilaahuun Kabbadaa dabalate qondaaltonni olaanoo naannichaa, aanaa fi godinaa, akkasumaas kutaaleen hawaasa garaagaraa hirmaachaa jiraachuu ragaan Waajjra Pireezidantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.