Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan wabii nyaataa magaalota 72tti hojiirra ni oola

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Sagantaan wabii nyaataa boqonnaa lamaffaa magaalota 72tti hojiirra ni oola.

Sagantichaan lammiilee miiliyoona 1 ol ta’an fayyadamoo taasisuuf qophiin xumuramaa jiraachuun ibsameera.

Eejansiin Wabii Nyaataa fi Carraa Hojii Uumuu Magaalotaa Federaalaa, sagantaa boqonnaa jalqabaatin lammiileen kumni 604 fayyadamoo ta’uu beeksiseera.

Ityoophiyaatti bara 2005 lammiileen hiyyummaadhaa gaditti argaman miiliyoona 4.7 ta’u qorannoon mirkaneessuun ni yaadatama.

Sagantaan wabii nyaataa magaalotaa Baankii Addunyaarraa Doolaara miiliyoona 300 argamee fi baajata mootummaan Ityoophiyaa ramade Doolaara miiliyoona dhibbaa 1 fi miiliyoona 50 bara 2009 eegalamuu daayreektarri oolaanaa eejansichaa obbo Zannabaa Kumaa beeksisaniiru.

Sagantichaan lammiileen kumni 92 deeggarsa kallattii argachaa kan jiran yoo ta’u, kumni dhibbi 5 fi kumni 80 ammoo hojii misooma naannoo hojjechuun isaanii ibsaniiru.

Fayyadamtoonni hojii eegumsa naannoo irratti bobba’an waggaa sadi keessatti galii ji’aan argatan %20 qusachuu fi deeggarsa Doolaraa 500 hojii kan eegalchiifaman ta’uu himaniiru.

Haga ammaatti abbootiin warraa kumni 58 ta’an leenjii fudhachuudhan hojiitti bobba’uuf qophaa’aniiru jedhan.

Baankiin Addunyaa saganticharratti gamaaggama gaggeessen bu’aa argame hordofuun magaalota 72tti dabalataan lammiileen fayyadamoo akka ta’an hojjetamaa jiraachuu obbo Zannabeen himaaniiru.

Baankichi hojirraa oolmaa sagantaa wabii nyaataa boqonnaa lamaffaaf deeggarsaa fi liqaan Doolara Ameerikaa miiliyoona 500 ramadeera.

Mootummaan Ityoophiyaas sagantichaaf Doolara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 50 akka ramadu himameera.

Akka gabaasa Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti eejansichi saganticha diriirsuuf qophiin xumuramuun kan ibsan obbo Zannabeen hojichaaf ijaarsii fi caaseffamni akka hundaa’uf waamicha dhiyeesaniiru.

Eejansiin Wabii Nyaataa fi Misooma Seeftineetii Finfinnee gama isaatin, waggoottan sadeen darbanitti sagantaa wabii nyaataan jiraattonni sadarkaa hiyyummaadhaa gadiirratti argaman kumni dhibbi 4 fi kumni 15 fi dhibbi 9 fi 23 fayyadamoo ta’uu ibseera.

Eejansichatti daayreektarri wabii nyaataa magaalaa fi jireenya foyyeessuu obbo Sabaahaddiin Sulxaan akka jedhanitti, bara qabametti bakka bu’oonni maatii kumni 29 fi dhibbi 7 fi 48 sagantaa ce’umsa jireenyaa foyyeessuu keessa galuun of danda’uun akka socho’aniif leenjii hubannoo cimsuu teeknikaa fi daldalaa kennameefira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.