Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan “Torbeen Dijital Itiyoophiyaa” gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 18, 2016 (FBC)- Sagantaan “Torbee Dijitaal Itiyoophiyaa” jalqabaa mata duree “Tattaaffii Waloo Keenyaa Dijitaal Itiyaaphiyaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Sagantichi hojiilee ce’umsa dijitaal Itiyoophiyaa hojjetaman beeksisuu fi hawaasni teeknoolojii dijitaalawaa akka fayyadamuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeeffatedha jedhameera.

Ministir Deetaan Miisteera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Yishruu Alamaayyoon akka jedhanitti, imala dijitaalaan, ijaarsaa bu’uuraalee misooma telekoom, misoomaa siistamaa, kalaqa naannawaa mijataa fi gama misooma qabeeyaa humna namaan bu’aaleen olaanaan galmaa’uu ibsameera.

Tajaajilli mootummaa 152 ta’an gama elektirooniksiin kennamuu dubbataniiru.

Miiraa dorgomtummaan caalmaan hojjechuun akka danda’mutti sadarkaa misoomaa dijitaalaa naannolee fi bulchinsa magaalotaa sirna ittiin madaalaman diriirsuun, sagantaa Dijital Itiyoophiya waggaarratti sirni beekkamti kennuu fuulduratti kan uumamu ta’uu himaniiru.

Sagantaa har’a eegalerrattis imala walakkaa waggaa tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaa 2025 fi hojiilee tajaajila elektirooniksii mootummaa dhiyaachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Sagantaa Torbee Dijital Itiyoophiyaan, imaammata saayinsii, teeknoolojii fi innooveeshini, tajaajilaa oonlaayinii mootummaa, eegumsaa daataa dhuunfaa, tarsiimoo ikoomersii, tarsiimoo elektirooniksii mootummaa, labsiiwwanii fi dhimmoota walfakkaataan biroorratti kan mari’atamu ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.