Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan tola ooltummaa Ganna 2012 ifatti eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 1,2012(FBC)-Sagantaan tola ooltummaa Ganna 2012 ifatti eegalame.

Sagantichi mata duree ” Nyaata keenya oddoo keenya duubaa” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a.

Sagantaa tola oolmaa kanas itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa fi ministirri Ministeera Qonnaa FDRI obbo Umar Huseen jalqabsiisaniiru.

Dargaggoonni tola oolanis kutaa bulchiinsa Aqaaqii aanaa 11 Galaaniiyidoorootti dhaabbii biqiltuu fi ooyruu qonnaan bulaa qotuurratti hirmaataniiru.

Sagantaan bulchiinsi magaalichaa qopheesse kunis baatii arfan itti aananiif kan itti fufu ta’a jedhameera.

Aksuumaawiit G/Hiywatitu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.