Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan sosochii nageenya daandii ifatti eegalame

Finfinnee, Qaammee 1,2012 (FBC) – Sagantaan sosochii nageenya daandii biyyaalessaa mata duree ‘qaammee hanga qaammee ni geenya’ jedhuun ifatti eegalame.
 
Sagantaa kanaan ilaalcha geejjibaa fi itti fayyadama isaarratti jijjiirrama haaraa fiduun lammiilee keenyaf tajaajija ga’aa laachuuf geejjiba motara maleessa bal’inaan gara hojiitti galchuuf ni hojjetama jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Mogas.
 
Biyya keenyatti konkolaattoonni jiran muraasa ta’anis sirna Geejjibaarratti dhiimaa uumaa jiru jedhan.
 
Fedhiin geejjibaa fi dhiyeessii walgituu dhabuun, lakkoofsi konkolaattoota xixiqqoo dabalaa dhufuun, sirni geejjibaa fi itti fayyadamni lafaa walmadaaluu dhabuun rakkoolee Geejjibaa yeroo dhiyoo as biyyattii quunnamaa jiran ta’uu aadde Daagmaawiit ibsaniiru.
 
Karoora waggaa 10 qophaa’e keessatti daandii geejjiba motara maleessaa fi Saaykilii fooyyeessuu, tajaajila geejjibaa hawaasa hunda waliin ga’uu fi itti fayyadama lafaa fooyyessuun xiyyeeffannoo keessa galeera jedhan.
 
Aadde Daagmaawiit,kaayyoon karoora kanaa faallama qilleensaa too’achuu, lakkoofsa saaykilii fi geejjiba uummataa dabaluu, nageenya daandii fooyyeesuu fi lakkoofsa konkolaattoota dhuunfaa too’chuudha jedha.
 
Karooricha gara hojiitti hiikuuf hawaasa waliin bal’inaan kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
 
Feevan Bishawutu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.