Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan ‘Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa’ magaalaa Finfinneetti gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Sagantaan ‘Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa’ magaalaa Finfinneetti gaggeeffame.
Saganticharratti jirattoonni magaalaa Finfinnee kutaa garaagaraarra walitti babba’aan istaadiyoomii Ababbaa Biqilaatti argamuun hirmaataniiru.
Saganticharratti itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee Af yaa’ii Mana Maree Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Zarfashiwaal Nigusee, itti gaafataman waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallasaa Alamuu fi hoggantoonni hojii biroon aragamaniiru.
Aadde Adaanach haasaa taasisaniin, lammiileen Ityoophiyaa yeroo maraa tokkummaan ni dhaabbatu jedhaniiru.
‘Ityoophiyaannoonni ni diigaaman yoo jedhamu tokkoo kan ta’an, dhadhabaniiru yoo jedhan kan cimaniidha’ jechuun dubbataniiru.
Aadde Adaanach Ityoophiyaannoonni yeroo maraa umattoota cimoodha kanaafis Adwaan ragaadha kan jedhan aadde Adaanach, birmaddummaa keenya hanga dhumaatti ni kabachiisna jedhaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya
https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.