Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan ‘Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa’ gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Sagantaan ‘Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa’ har’a bakka garaagaraatti gaggeeffameera.

Sagantichi guyyaa keessaa sa’aatii 5:30 irratti bakkoota garagaraatti daqiiqaa 2f kan gaggeeffamu yoo ta’u, sirnoota garagaraatin raawwatameera.

Sa’aatichatti Ityoophiyaannoonni hundi bakka jiranitti daqiiqaa 1f harka isaanii mirga lapheesaanii bitaarra ka’uun dhaabbachuun kabaja raayyaa ittisa biyyaaf qaban  ibsaniiru.

Sirni daqiiqaa tokkoof dhaabbachu erga xumuramee booda harkaa waliitti ruukutuun deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf qaba  mirkaneessaniiru.

Kutaaleen hawaasa magaalaa Finfinnee hundarraa waliitti babba’aan, ogeeyyiin aartii ‘Raayyaa Ittisa Biyyaaf nan dhaabbadhaa’ istaadiyoomii Abbabbaa Biqilaattiin deeggarsa isaanii ibsaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.