Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Nyaataa Addunyaa Gaazaa fi Westi Baankitti Kooriidaroota deeggarsa namoomaa bansiisuuf hojii eegaluu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaata Addunyaa Gaazaa fi Westi Baankitti Kooriidaroota deeggarsa namoomaa bansiisuuf hojii eegaluu beeksise.

Kooriidaroonni deeggarsaa wayita banaman Waraanni Israa’elii fi Hamaas naannawaalee itti gaggeeffamaa jiru Sulula Gaazaa fi Westi Baankiin lammiilee jiraatan kuma 800 deeggarsa namoomaa hatattamaa akka argatan kan taasisuudha jedhameera.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa, deeggarsi namoomaa gara Gaazaatti galchuu akkataa danda’amu mijeessuuf kooridaroonni deeggarsa namoomaa walabaa akka hundeeffamanii fi hojjettoonni fi meeshaaleen deeggarsaa bilisaan akka geejjibsiifaman waamicha dhiyeesseera.

Daangaalee fi kellaawwan sakatta’iinsaa Sulula Gaazaa fi Westi Baankii gidduu jiran cufamuu eeruun, haala kanaanis deeggarsa namoomaa dabarsuuf kan hindanda’amne ta’uu akeekeera.

Waraana Israa’elii fi Hamaasiin kufaatii namoomaa mudachuu malu dandamachuuf torbanoota afran dhufan Doolaara miiliyoona 17.3 akka barbaachisu beeksisuu Middle East Monitor gabaaseera.

Waraanni Israa’elii fi Hamaas lammiilee nagaa kumaatamatti lakkaa’aman du’aatiif saaxiluuf gabaasaaleen ba’an ni mul’isu.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.