Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Nyaata Addunyaa manneen barnootatti nyaata barattootaa akka deeggaruuf gaafatame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Sagantaan Nyaata Addunyaa manneen barnootatti sagantaa nyaata barattootaa akka deeggaruuf Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa gaafatan.

Ministirichi, Ityoophiyaatti Daayrektara Olaana Sagantaa Nyaataa Addunyaa Kilaawudee Jibiidaar waliin mari’ataniiru.

Damee barnootaan riifoormiiwwan qulqullina barnootaa mirkaneessan eegalamuu eeranii, manneen barnootaatti hojiilee nyaata barattootaaf dhiyeessuu hojjetamaa jiranirrattis ibsa kennaniiru.

Sagantaan Nyaata Addunyaas, sagantaa nyaata barattootaa bifa haaraan eegale naannolee hundaatti akka babal’atuuf akka deeggaru gaafataniiru.

Ityoophiyaatti Daayrektarri Sagantaan Nyaata Addunyaas, manneen barnootaatti nyaata barattootaa dhiyeessuutti dabalataan, deeggarsa nyaataa fi teekinikaa taasisaa turuu yaadachiisanii, bu’aa qabeessummaa isaaf kutannoon mootummaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Damee barnootaatiin hojiileen eegalaman cimanii akka itti fufan ibsuu isaaniis ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.