Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Nyaata Addunyaa Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaa taasiisuuf Doolaara miiliyoona dhibba 4 ramadee hojjetaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 29, 2013 (FBC) – Sagantaan Nyaata Addunyaa naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf tajaajila geejjibaa fi Loojistiksii kan dhiyeessu ta’uu beeksiseera.

Daayreekarri olaanaan Sagantaa Nyaata Addunyaa Dooktar Deeviid Beesliin, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessan deeggarsa namoomaa Dooktar Kaatiriin Soozii fi Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil har’a Maqaleetti argamuun lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa taasiifamaa jiru daawwataniiru

Daayreekarri olaanaan Sagantaa Nyaata Addunyaa Dooktar Deeviid Beesliin duula olaanaatummaa seeraa mirkaneessuu hojjetame booda deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Deeggarsa namoomaa kana Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa aanaalee 24, Waldaan Gargaarsaa Tigraay ammoo aanaalee 12 keessatti raabsaa jiraachuu himaniiru.

Sagantaan Nyaata Addunyaa Ityoophiyaa iddoo garaagaraatti lammiilee deeggarsa namoomaa hatattamaa barbaadaan miiliyoona 6.7 deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf Doolaara miiliyoona dhibba 4 ramadee hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.