Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan kitaabilee walitti qabuu baatii 1’f turu eegale

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) –  Mata duree “Kitaabilee miiliyoona dhaloota Miliiniyeemichaaf” jedhuun sagantaan kitaabilee walitti qabuu baatii 1’f turu ifatti eegaleera.

Sagantichi mana kitaabaa Abrihootiif kitaabilee walitti qabuuf kan kaayyeffate ta’uu fi Eebila 28,2014 –Caamsaa 29,2014tti kan turu ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaan manneen kitaabaa hundessuun muuxannoo waggoota 75 qabaattus hojii kana itti fufsiisuun dadhabamuu fi seenaa kana jijjiiruu fi dhaloota dubbisu uumuuf mana kitaabaa Abrihootitti hojiin kitaabilee walitti qabuu eegaluu eerameera.

Mana Kitaabichaaf kitaabilee bittaan galchuurra hawaasarraa walitti qabuun filannoo gaarii ta’uu ibsameera.

Kitaabilee hawaasarraa walitti qabuun kitaabilee harka nama dhuunfaarra jiranii fi maxxanfamanii hin xumuramne akkasumas kitaabilee gabaarraa hin argamne kan argamsiisu ta’uu himameera.

Dabalataanis yeroo gabaabaa keessatti kitaabilee hedduu kan argamsiisu ta’uu kaafameera.

Manni kitaabichaa kitaabilee miiliyoona 4 baachuu kan danda’u ta’uu fi baatii kana qofaatti kitaabilee miiliyoona 1 walitti qabuun galii kan taasifamu ta’uu ibsameera.

Naannolee biroottis hojiin deeggarsa taasisuu kan hojjetamu ta’uu eerameera.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.