Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan jalqabsiisa hojmaata galmee fi ibsa keessummeessa imala Hajjii 1444ffa gaggeeffame

Finfinnee, Eebla 5, 2015 (FBC)- Manni Maree Waliigala Dhimmoota Islaamummaa sagantaa jalqabsiisa hojmaata galmee fi ibsa keessummeessa imala Hajjii 1444ffaa gaggeesseera.

Imalli Hajji baranaa dhamaatiirraa walabaa akka ta’utti yaadame hojjetamu ibsameera.

Hujjaajonni, bakka jiran ta’anii akka galmaa’aniif baankota sagal waliin waliigalteen mallateeffameera jedhame.

Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Sheek Hajji Ibraahiim Tufaa akka jedhanitti, adeemsi imala hajjii amanamaa fi dhamaatiirraa walaba akka ta’u hojjetamaa jira.

Har’a irraa eegalees baankota sagalitti galmaa’uu akka danda’an kan ibsan yoo ta’u, qoodaa fudhattootaa hojmaatichi akka dhugoomuuf tumsa taasiasan galateeffataniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.