Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Ityoophiyaanonni hundi Ummata Tigiraay cinaa akka hiriiran hojiin itti agarsisan ifoome

Finfinnee, Sadaasa 12, 2013 (FBC) – Sagantaan Ityoophiyaanonni hundi Ummata Tigiraay cinaa akka hiriiran hojiin itti agarsisan ifoome.
 
Sagantaan kun haala yeroon walqabatee lammiilee naannoo Tigiraayitti miidhamaa jiran deeggaruuf kan ifoomedha jedhameera.
 
Sagantaan kunis ‘Ilmi biyyaa,harka dammaa’ kan jedhamuu yoo ta’u gama ogeeyyii aartiin kan ifoomeedha.
 
Sadaasa 17, 2013 guyyaa kamisaa naannoolee biyyatti hundatti deeggarsi akka sassabbamuu himameera.
 
Guyyaa kanattis ogeeyyiin aartii,Ispoortessiitoonniifi namoonni bebbekkamoon lammiilee Tigiraay jiraanif dhaabbilee garagaraarraa deeggarsa ni sassabuus jedhameera.
 
Deeggarsi sassabamu kunis maallaqa,Uffata,nyaata,meeshaalee qulqullina qaama eeggachuuf oolan dabalatee deeggarsi lammummaa kamiiyyuu ni taasifamas jedhameera.
 
Galii walitti qabuuf Baankii Daldala Ityoophiyaatti Akkaawunti 1000354217019 banameera.
 
Lammiilee alaa jiraatanif immoo gama CBETETA SWIFT code deeggarsa taasisun ni danda’ama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.