Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan ittiin waajjiraaleen mootummaa federaalaa baajata bara 2015 itti dhiyeessanii fi gamaaggamsiisan eegale

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Sagantaan ittiin waajjiraaleen mootummaa federaalaa fi dhaabbileen itti waamamtoonni 146’n baajata bara 2015 itti dhiyeessanii fi gamaaggamsiisan eegaluu ibsame.

Dhaabbileen mootummaa federaalaa baajata isaanii bara baajataa dhufuu wayita qopheessan haala baasii qusatuu fi proojektiiwwan buleeyyii ilaalcha keessa galcheen ta’uu akka qabu Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen yaadachiisaniiru.

Sagantichaan Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa, Ministeerri Dhimma Alaa, Ministeerri Nageenyaa, Bulchiinsi Daandiiwwan Ityoophiyaa, Inistiitiyuutiin Abbaa Taayitaa Ijaarsaa Ityoophiyaa, Inistiitiyuutiin Hariiroo Alaa, Ejensiin Diiyaaspooraa Ityoophiyaa fi  dhaabbileen waamamtoonni biroon baajata isaanii bara 2015 dhiyeessuun gamaaggamsiisuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.