Sagantaan Indaastiriwwan oomishaa naannoolee walitti bu’iinsi ture deeggaru ifoome
Finfinnee, Caamsaa 7, 2016 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa fi Tumsitoonni Sagantaa Indaastiriwwan oomishaa Xixiqqaa fi giddugaleessaa naannoolee walitti bu’iinsi ture keessa jiran deeggaru ifoomsaniiru.
Sagantichi diinagdee naannawwaa walitti bu’iinsi ture deebisaanii ijaaruuf kan dandeesisuu ta’uu eerameera.
Sagantichi Kaabaa Itiyoophiyaatti walitti bu’iinsa booda Indaastiriwwan oomishaa Xixiqqaa fi giddugaleessaaf dhiyyeessii faayinaansii fooyya’aa taasiisuuf akka ta’ee ibsameera.
Haaluma kanaan deeggarsi taasifames Indaastiriwwaan oomishaa miidhaan irraa qaqqabe deeggaruun, garaa oomishaa fi oomishtummaa isaaniitti deebisuuf kan kaayyeffate ta’uu himameera.
Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii Hasan Muhammad ,sagantichi Gamtaan Awurooppaa, Neezaarlaandii fi Jarman haala itti fufiinsa qabuun dameewwan kanneeniif deeggarsaa taasiisa jiraachuu kan agarsisuudha jedhan.
Deeggarsichi Dubartoota fi dargaggootaf carraa hojii uumuuf faayidaa addaa qabaachuu ragaan Ministeerichaarraa argame ni mul’isa.