Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Gabbisa Nyaataa Biyyaalessaa dirqamsiisaan ifoome

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Ministeerri Indastirii Sagantaan Gabbisa Nyaataa Biyyaalessaa dirqamsiisan ifoomse.

Sagantichaan zayiita nyaataa, daakuu qamadii fi oomisha ashaboo irratti kan hojiirraa oolu yoo ta’u, oomishalee alaa galanillee akka dabalatu ibsameera.

Sagantaan kunis warshaaleen zayita nyaataa, daakuu qamadii fi oomishni Ashaboo vaayitaaminii fi albuudaan kan badhaadhan akka taasisan kan dirqamsiisuudha jedhameera.

Ministeerri Indaastirii bakkaa qooda fudhattoonni argamanitti waltajjii beekisisa fi ifoomsaa sagantichaa gaggeesseera.

Ministirri Ministeerichaa Obbo Malaakuu Allebal akka jedhanitti, dhaloota sammuun cimaa horachuuf nyaataa gabataa lammiileef dhiyeessuun murteessaadha.

Rakkoolee fayyaa sirna soorataan walqabatee dhufu furuuf tarsiimoowwan bocaman keessaa sagantaan gabbisa nyaata biyyaalessaa tokko ta’uu kaasaniiru.

Ministirri Ministira Fayyaa Dooktar Maaqdas Dhaabaan gama isaaniin, Itiyoophiyaatti daa’imman umriin isaanii waggaa shanii gadii keessaa %39 kan ta’an hanqina nyaataan rakkoo quucartummaaf akka saxilaman himaniiru.

Daa’imman %22 ta’an ammoo rakkoo hir’ina ulfaatinaaf kan saaxilaman ta’uu dubbachuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.