Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan fooyya’insa qulqullina tajaajila fayyaa waliigalaa ‘I Care’ jedhamu Giddugala Wal’ansa Waliigala Hospitaala Yuunvarsiitii Jimmaatti baname

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC) – Sagantaan fooyya’insa qulqullina tajaajila fayyaa waliigalaa ‘I Care’ jedhamu bakkaa Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa argamanitti Giddugala Wal’ansa Waliigala Hospitaala Yuunvarsiitii Jimmaatti baname.
Sagantichi qindoomina hooggansaa sadarkaan jiru, ogeessoota fayyaa fi qooda fudhattoota kenninsa tajaajila fayyaa kan hirmachise dha.
Kaayyon sagantichaas riifoormii kenninsa tajaajila fayyaa qulqulluu walii galaa lammiilee hunda biraan gahuuf yaadameeti jedhan Daayrektarri Meedikaala Olaanaa Inistiitiyutii Fayyaa Hospitaala Yuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Mahaammad Abbaa Maccaa.
Milkaa’ina sagantaa kanarratti Ministirri Fayaa Dooktar Liyaan ogeessota waliin marii taasisaniiru.
Giddugalli Wal’ansa Hospitaala Yuunvarsiitii Jimmaa wal’aansa maamiltoota miiliyoona 20 oli tajaajilas jedhameera.
Hoospitaalichi Godinaale Oromiyaa Jimmaa, Beddellee fi Iluu Abbaa Boor, naannoo Sabootaaf Sablammotaa ummatota Kibbaa fi Gaambeellaa, akkasumaas namoota Sudaan Kibbaarra dhufaniifanille tajaajilaa jira.
Dooktar Liyaan hojii hoospitaalichi fooyya’insa kenninsa tajaajila fayyaarratti hojjateef galatiiftaniiru.
Keessattu kutaa wal’ansa hatattamaarratti xiyyeffachuun hojii fakkenyummaa qabu giddugala yaali hatattamaa ambulaabsi Aayyoo hundeessun hojin kenninsa tajaajila fayya si’ataa fi qulqulluu hawaasa qaqqabsiisuu keessatti hojjatame fakkenyumma kan qabudhas jedhan Dooktar Liyaan.
Gaaffilee oggessinni kaasan hanga humni biyyatti danda’een baajata ramadamu fooyyessuu, dhiyeessa qorichaafi meeshaalee irratti xiyyeffannoon akka hojjatanishimaniru.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.