Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan dippiloomaasii Ashaaraa Magariisaa biyyoota ollaatti babal’isuu Juubaatti gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2015 (FBC) – Sagantaan dippiloomaasii Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa biyyoota ollaatti babal’isuurratti kaayyeffate Sudaan Kibbaa magaalaa Juubaatti gaggeeffameera.

Ityoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf sagantaa Ashaaraa Magariisaa Afrikaaf fakkeenya ta’u hojjechaa jiraachuu Waajjira Muummee Ministeeraatti Ministirri Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Zaadiig Abrahaan ibsaniiru.

Ityoophiyaan sudaan Kibbaaf qabsoo bilisummaa irraa eegalee nageenyi biyyattii akka mirkanaa’uuf deeggarsa addaan hin cinne taasisaa turuu yaadachiisaniiru.

Ministirri Ministeera Dhargaggootaafi Ispoortii Sudaan Kibbaa Albiinyoo Antoo’iiyoon gamasaaniin, Ityoophiyaan fakkeenya Paan Afrikaa ta’uun gahee isheen seenaa keessatti ba’atte yeroo maraa seenaan kan yaadatamu ta’uu eeraniiru.

Sudaan Kibbaa Ityoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan dhimmoota garaagaraarratti hojjechuun hariiroon gam-lamee sadarkaa olaanaarra gahuu eeruun, hariiroon uummatattoota biyyoota lameenii cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiil Mahaadiin, hojiin misooma magariisaafi kunuunsa uumamaa  Ityoophiyaatti hojjetamaa jiru bu’aa hedduu argamsiisuu eeraniiru.

Bu’aa biyya keessatti argame kana biyyoota ollaatti babal’isuun walitti hidhamiinsa naannawaafi ardichaaf ka’umsa kan ta’u ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.