Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan cufiinsa Konfiransii Waliigalaa Misoomaa fi Aadaa Guraagee gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Sagantaan cufiinsa Konfiransii Waliigalaa Misoomaa fi Aadaa Guraagee magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, itti aanaa Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw, Itti aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon federaalaa fi naannolee argamaniiru.
Misoomaa fi gidduna Guraagee saffisiisuuf qaamni hundi qindoominaan hojjechuu akka qabu Dooktar Abiy dubbataniiru.
Hawaasni Guraagee hirmaannaa damee daldalaa keessatti qabu dabalataan tokkummaa biyyaalessaa cimsuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Akka EBCn gabaaseetti lammiileen Ityoophiyaa hundi aadaa fi seenaa isaa eeguun jijjiirrama akka biyyaatti eegalamee itti fufsiisuuf tokkummaan dhaabbachuu akka qaban Dooktar Abiy waamicha dhiyeessaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.