Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan cufiinsa Ashaaraa magariisaa Godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti gaggeeffameera

Finfinnee, Hagayya 30, 2013 (FBC) – Sagantaan cufiinsa Ashaaraa magariisaa Godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti bakka Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiyii fi hoggantoonni olaanoo mootummaa Federaalaa fi naannolee argamanitti hegaggeeffameera.

Barri dhufu bara Abdiiti jedhan Dooktar Abiy.

Injifannoo Hojii Ashaaraa Magariisaatiin argame hojii hundaan mirkaneessu qabna jedhan.

Lammiileen Ityoophiyaa qindoominaan dhaabbannaan diina kamiiyyuu injifachuu akka dandeenyu seenaan Adwaa ragaadha jedhaniiru.

Waggaa 4 biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfannee waggaa sadii keessatti biqiltuu biliyoona 18 ol dhaabuun danda’amuu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen gama isaaniin barana mata duree ‘Ityoophiyaa haa Uwwisnuu’ jedhuun biqiltuu biliyoona 6 dhaabuuf qabamee biqiltuu biliyoona 6.7 dhaabuun danda’ame jira jedhan.

Waggoottan sadan darbanitti akka Naannoo Oromiyaatti biqiltuu biiliyoona 9.2 biqiltuun bunaa biliyoona 2.8 Walumaagalatti biqiltuu biiliyoona 12 dhaabaman keessaa harkii 84 ol latuu Preezdaantiin mootuummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Alaazar Taaddaleetu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.