Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan biyyoonni Afriikaa 55 irratti hirmaatan Finfinneetti gaggeeffama

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC)- Sagantaan sadarkaa Ardii “Afrikaa Afrikaanotaaf” jedhu biyyoota Afrika 55 hirmaachise Finfinnee Paarkii Michummaatti akka gaggeeffamu ibsame.

Sagantaa sadarkaa Ardii kana gaggeessuuf ministeerri Tuuriizimii, ministeerri dhimma alaa fi neetwoorkii bizinasii Abisiiniyaa walta’uun qophii xumuruu ibsaniiru,

Sagantichis Onkoloolessa 11 hanga 13, 2015tti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Ministeera Tuuriizimiirraa argame ni mul’isa.

Sagantaa biyyoonni Afrikaa aadaa fi duudhaa isaanii irratti beeksisan, argisiisni faashinii, aartii, shubbisaa fi muuziqaa ni dhiyaata jedhameera.

Sagantichi carraalee tuuriizimii, aadaa, aartii, invastimantii, daldalaa fi damechaan ga’umsa jiru beeksisuuf Hawaasa Afrikaa keessaaf kan qophaa’e ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.