Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan beeksisaa fi galii walitti qabuu kitaaba Dhaloota Ida’amuu akka Oromiyaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC) – Sagantaan beeksisaafi galii walitti qabuu kitaaba Dhaloota Ida’amuu akka Naannoo Oromiyaatti Hoteela Sharaatanitti gaggeeffamaa jira.

Kitaabni dhaloota Ida’amuu Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi Ingiliziin kan qophaa’e yoo ta’u, kutaalee sadii fi boqonnaawwan 10’tti qoodamuun kan Afaan Amaaraa fuula 274, kan Afaan Oromoo fuula 345 qaba jedhame.

Naannoleen galii kitaabicharraa argamu guutummatti ijaarsa dhalootaa fi hojiilee seenaa tursiisuuf akka oolchaan Barreessaan kitaabichaa Dooktar Abiy Ahimad eeyyamuun kan yaadatamuudha.

Bu’uuruma kanaan galii gurgurtaa kitaabicharraa argamu naannoon Oromiyaa Holqa Soofumar daawwattootaaf mijataa taasisuuf fayyadama jedhameera.

Sagantaa har’aa kanarratti Af yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee qondaaltoota olaanoo sadarkaa Federaalaa, Dippiloomaatoonni, Ambaasaadaroonni garaagaraa fi keessummoonni biroos hirmaataa jiru.

Gammachiis Taarikuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.