Sagantaan beekkamtii laachuu Komaandar Atleet Daraartuu gaggeeffame
Finfinnee, Bitootessa 19, 2013 (FBC) – Sagantaan beekkamtii laachuu Komaandar Atleet Daraartuu Hoteela Iskaay Laayitiitti gaggeeffame.
Sirnacharratti Preezdaantii mootummaa naannoon Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Abootiin Gadaa, Abootiin amantaa fi keessummoonni waamichi taasiifamee argamaniiru.
Sagantichin eebba abbootii Gadaa fi faaruu Ityoophiyaan eegalamuu ragaan FedereeshiniinAtleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Atleet Daraartuun bara 1992 Oolimpikii Baarseelaanaatti gaggeeffameen fageenya meetira kuma 10 Ityoophiyaa fi Afrikaa bakka bu’uun durbartii meedaaliyaa warqee jalqabaa argamsiifteedha.
Dorgommiiwwan Oolimpikii, Shaampiyoonaa Atleetiksii addunyaa, dorgommii qaxxaamura biyyaa, Waancaa Ardiilee, Shaampiyoonaa addunyaa umrii waggaa 20 gadii, Shaampiyoonaa Atleetiksii Afrikaa, Atleetiksii addunyaa xummuraa, Gooldan Liigii,Maaraatoonii idil addunyaa fi Shaampiyoonaa Atleetiksii Ityoophiyaan waliigala meedaaliyaa Warqee 13, Meetii 2, Nahasiii 1 fi Dippiloomaa 3 Ityoophiyaaf argamsiifteerti.
Daraartuun waliigala dorgommii dhuunfaan gaggeessite dabalatee Warqee 35, Meetii 12, Nahasiii 15 fi Dippiloomaa 3 goonfachuu dandeechirti.
Komaandar Atleet Daraartuu Tulluu Gammachuu hojii Invastimantiinis Hoteelootaa fi iddoolee bashannanaa hedduu ijaaruun lammiilee baay’eef carraa hojii uumuu korichi ibsa baaseen eereera.
Hojiilee tola ooltummaa hedduu hojjechuu ishees ibsameera.
Akkasumas sadarkaa Afrikaa fi Ityoophiyaatti hoggansa ta’uun hojiilee jaalatamoo fi ijaarsa biyyaaf murteessaa ta’an raawwachuu himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.