Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan beekkamtii dargaggoota tola ooltota daangaa ce’oo gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 18, 2016 (FBC)- Naannolee garaagaraatti tajaajila tola ooltummaa daangaa ce’aa kennamaa tureerratti dargaggoota hirmaataniif sagantaan beekkamtii kennuu gaggeeffamaa jira.

Naannolee hundaa fi bulchiinsaa magaalotaa lamaanirraa kan baba’an dargaggoonni 80 guyyootaa 20’f tajaajilaa tola ooltummaa kennaa turuun ni yaadatama.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergogee Tasfaayee, tajaajilli tola ooltummaa fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba jedhan.

Dabalataan tajaajilli tola ooltummaa jaalalli biyyaa qabatamaan kan itti mul’ifamu ta’uu dubbatan.

Bara 2014 erga tajaajilli tola ooltummaa daangaa ce’aa eegalee lakkoofsi tola ooltotaa dabalaa dhufuu fi sagantichi aadaa fi duudhaa waljijjiiruuf daandii ta’uun ibsamersa.

Ashannaafii Shibbiruu fi Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.