Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Badhaasa Artiist Haacaaluu Hundeessaa 3ffaan Waxabajjii 22, 2016 gaggeeffama

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC) – Sagantaan Badhaasa Artiist Haacaaluu Hundeessaa 3ffaan Waxabajjii 22, 2016 kan gaggeeffamu ta’uu Faawundeeshiniin Hacaaluu Hundeessaa ibse.

Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa Waggaa Waggaan Waxabajjii 22 gageeffama .

Guyyaa Haacaaluu warreegame yaadachuu fi Kaayyoo isaa itti fufsiisuuf badhaasa waggaa waggaan gaggeeffamu Hojii Walitti Qabduun Boordii Faaawundeeshinichaa Aadde Faantuu Dammisseen ibsa miidiyaaleef kennaniin eeraniiru.

Badhaasichi dameewwan 11’n gaggeeffama jedhame.

1, Albama Waggaa

2, Wallee Waggaa

3, Wallee Aadaa

4, Wallee Ammayyaa

5,Weellisaa Cimaa Waggaa

6,Weellistuu Cimtuu Waggaa

7, Weellisaa /tuu Cimaa /tuu waggaa

8, Qindeessaa Cimaa Waggaa

9, Viidiyoo Sirba Filatamaa Waggaa

10, Siiniimaatoogiraafera Filatamaa Waggaa

11, Keeroogiraaferii Ciimaa/tuu

#Oromia #Ethiopia

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.