Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa madaala uumamaa bakkatti deebisuuf daandii amansiisaadha-BKO

Finfinnee, Hagayya 16, 2017 (FBC )- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa madaala uumamaa bakkatti deebisuuf daandii amansiisaa ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Birichi duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuu guyya boru gaggeeffamu ilaalchisuun ibsa baaseera

Guutuun ibsichaa akka itti aanutti dhiyaateera.

Jireenyi ilma namaa kallattiinis ta’e alkallattiin uumama waliin walitti hidhataadha.

Michooma qabeenya uumamaa naannoo isaa waliin qabu jabeessee yoo kunuunse madaala uumamaa tiksuun egereefis abdii ta’a.

Faallaa madaala uumamaa yoo deemame garuu gaaga’ama hamaa keessummeessaa itti fufa.

Oromoo haala uumama waliin bulu Gadaan tumatee kan uumamaan faallaa deemee seera Gadaan qajeelchee hariiroo uumamaa jabeessee waliin jiraachaa as ga’e.

Haa ta’u malee, hanguma duudhaa ganamaa irraa fagaachaa dhufne gaarreen keenya manca’anii dachaawwanis onaa dhufan.

Burqituuwwan goganii lageewwan hir’atan.
Kunis madaala uumamaa diigee qormaata jijjiirama qilleensaafi gogiinsa hamaa fagoorraa dhaga’aa turre nu mudachuun hagam akka ulfaatus argineerra.

Garuu Qabeenyi uumamaa yoo kunuunfame deebisee uumama kunuunsa; abdii jireenyaas haaressee madaala uumamaas tiksa.

Qormaata jijjiirama qilleensaa qolachuuf falli sirriin duudhaa keenya ganamaatti deebi’uun uumama waliin araaramnee madaala uumamaa tiksuu qofa.

Kanaanis akkuma dhaloonni saffisa guddaan qabeenya uumamaa mancaase saffisa guddaan qabeenya uumamaa bakkatti deebifnee kunuunsuuf ergama guddaa fudhanneerra.

Ergama kana milkeessuufis inisheetiiviin ilaalama guutuun ijaarame ‘Sagantaan Ashaaraa Magariisaa’ madaala uumamaa bakkatti deebisuuf daandii amansiisaa taúu hubannee onnee guutuun hojjechaa jirra.

Waamicha Ministirri Muummee Itoophiyaa Looreetiin Nagaa Addunyaa Dooktar Abiyyi Ahmad bara 2011 Sagantaan Ashaaraa Magariisaa ilaalchisuun taasisan hordofee uummanni naannoo keenyaa waggaa waggaan guyyaa tokkotti gamtaan ba’ee biqiltuu miliyoonotaan dhaabee itti fufiinsaanis kunuunsuun Addunyaaf fakkeenya ta’eera.

Hojiin gama sagantaan Ashaaraa Magariisaatiin hojjetame injifannoo guddicha qabeenya uumamaa manca’e bakkatti deebisaa jiraachuu keenya mul’isee fi uumama waliin araaramuu keenyas kan agarsiisedha.

Galmi keenya karaa ilaalama guutuu eegeen madaallii uumamaa tiksuu, humna dhiheessii bishaanii guddisuun nageenya madda bishaaniifi hidhaawwan keenyaa eegsisuu, nyaataafi sirna nyaataa mirkaneessuu irratti kan fuulleffatedha.

Waggoottan Shanan darbettis uummata keenya hiriirsinee biqiltuuwwan gosa garaagaraa bIiliyoonni 18.6 lafa hektaara miliyoona 5.57 irra dhaabuu dandeenyeerra.

Kanaanis uwwisni bosona naannoo keenyaa 18% irra ture, gara 26.6% tti ol-guddateera.

Karoora biyyi keenya uwwisa bosonaa bara 2030 ALAtti 30 %n ga’uun tarree biyyoota uwwisa bosonaa gaarii qabanitti dabalamuuf qabatte dursinee milkeessuuf kutannoon hojjechaa jirra.

Kanas hoggansa yaadee karoorsu, uummata hojjetee milkeessu qabannee galmaan akka geenyu shakkii hin qabu.

Bara kana Hagayyi 17, 2016 guyyaa seenaa qabeessa uummanni naannoo keenyaa gamtaan ba’ee biqiltuu miliyoona 520 ol dhaabuun seenaa haaraa itti galmeessudha. ]
Kanaafis tokkummaan baatanii Ashaaraa keessan kaa’uun ergama biyya bu’ureessuu; dhaloota waaressu qabanne akka milkeessitan Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dabarsa.

Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa

Hagayya, 2016

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.